Jiilli koree dhaabbii mana marii naannoo hararii Sagantaa daawwannaa taasiseen hojii sirna hordoffii kaameeraa ”CCTV” magaalaa harar haammate diriirsuu hojjatamaa jiran fi meeshaalee bitaman daawwateera.
Pirojektiin ”CCTV” kaameeraa kuni waliigala baajatni birrii miliyoona 115 Adoolessa bara 2016 jalqabee ta’uu raawwiin fiizikaalii dhibbeentaa 80 irra jiraachuu fi hojicha yeroo dhiyootti xumuruuf kutannoon kan hojjatamaa jiru ta’uu isaa gabaasa komishinii poolisii naannoo hararii dhiyeesse irraa hubachuun danda’ameera.
Hojii ”CCTV” kaameeraa galmaan gahuuf komishiinii poolisii naannoo hararii, Itiyoo telekomii fi qooda fudhattoota biroo waliin qindoominaan hojjatamaa jiraachuu ibsameera.
walitti qabduun koree dhaabbii dhimma bulchiinsa seeraa dubartootaa fi daa’immanii Aadde Imaan Mahammad kallattii xiyyeeffannoo kennaniin :-
komishiiniin poolisii naannoo hararii, Itiyoo telekomii fi qooda fudhattoonni hundi sagantaa waloo ta’een xiyyeeffannoon hojicha yeroo jedhame keessatti milkeessuu akka qaban;
hojiin magaalaa harar ”smart” gochuu cimee itti fufuu akkasuma hojichaa hawaasa hubachiisuu irratti ciminaan hojjatamuu akka qabu eeraniiru.
Dabalataaniis koreen dhaabbii mana marii naannichaa daawwannaa buufataalee poolisii aanaalee irratti kanaan dura taasise bu’ureeffachuun marii goolabbii gaggeesseera.
Marii kana irratti miseensonni fi walitti qaboonni koree dhaabbii mana marii naannoo hararii rakkoolee bulchiinsa gaarii buufataalee poolisii aanaalee keessatti mul’atan bal’inaan kan kaasan yoo ta’u
Rakkoolee mul’atan furuuf kutannnoon kan hojjatan ta’uu miseensonni manejmantii komishiinii poolisii naannichaa ibsaniru.
Dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan irratti walitti qabduun koree dhaabbii dhimma bulchiinsa seeraa dubartootaa fi daa’immanii Aadde Imaan Mahammad kallattii xiyyeeffannoo kennaniiru.





All reactions:
21Juliyan Abdi and 20 others