Erga jijjiiramni dhufee as sirna federaalaa hojiirra oolchuun jijjiiramni qabatamaan galmaa’ee jira – Prisdentii Motumma nannoo Harari obbo Ordin Bedri

Piiresdinatiin Naannoo Hararii Ordin Bedri erga jijjiiramni dhufee as heera mootummaa gara dhugaa qabatamaatti jijjiiruun tokkummaa biyyaalessaa guddisuun jijjiirama jajjabeessaa galmaan gahuu danda’uu ibsaniiru.
Naannoo Harariitti sagantaan kabaja guyyaa sab-lammootaa fi ummatoota 19ffaa gaggeeffameera.
Hogganaan Mootummaa Naannoo Hararii obbo Ordin Badrii sagantaa gabaabduu isaanii keessatti akka ibsanitti, erga jijjiiramni dhufee as heera mootummaa gara dhugaa qabatamaatti jijjiiruu danda’uu isaanii ibsaniiru.
Itti dabaluunis sirna federaalizimii hojiirra oolchuu dandeessisuun tokkummaa biyyaalessaa guddisuun jijjiirama jajjabeessaa galmaan gahuu danda’eera jedhan.
Akka odeeffannoon waajjira komunikeeshinii naannichaa mul’isutti, mirgii fi bilisummaan siyaasa, diinagdee fi hawaasummaa lammiilee Itiyoophiyaa hundaa heeraan akka mirkanaa’uuf heerri mootummaa kan taasise ta’uu ibsaniiru.
Sirni federaalaa biyyoolessaa heera mootummaa irraa madde eenyummaa hundaaf beekamtii walqixa kan kennu yoo ta’u, dandeettii misoomaa fi fedhii naannoo isaanii irratti hundaa’uun akka guddatan carraa kan uume ta’uus ibsaniiru.
Keessattuu, haala siyaasaa afaan, aadaa fi seenaa isaanii itti ibsan babal’isuun, haala ummataa dhimma ofii itti bulchuu danda’an haala mijeessuun, dhimmoota biyyaalessaa fi waloo irratti walqixa akka hirmaatan dandeessisuu eeraniiru.
Obbolummaa biyyoolessaa cimsuuf hojiin hojjetamaa jiraatus bu’aa guddaa galmeessisuun kan danda’amu ta’us, sirni federaalaa fi heera mootummaa hin guddanne, qormaannis akka ture eeraniiru.
Rakkoolee kana mariidhaan furuuf hojiin hirmaattota adda baasuu fi ajandaa marii kanaa komishinii marii biyyoolessaa hundeessuun hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Guyyaan Sab-lammootaa fi Ummataa 19ffaa gaafa marii biyyoolessaa jalqabnu kabajamuun isaa guyyaa kana adda akka taasisu hubachiisaniiru.

Scroll to Top