January 2025

Mana_Marii_N_harari

Koreen Dhaabbii Mana Marii Naannoo Hararii Pirojektii Kaappitaalaa Komishiinii Poolisii Naannoo Harariin hojjatamaa jiran daawwateera.

Jiilli koree dhaabbii mana marii naannoo hararii Sagantaa daawwannaa taasiseen hojii sirna hordoffii kaameeraa ”CCTV” magaalaa harar haammate diriirsuu hojjatamaa jiran fi meeshaalee bitaman daawwateera. Pirojektiin ”CCTV” kaameeraa kuni waliigala baajatni birrii miliyoona 115 Adoolessa bara 2016 jalqabee ta’uu raawwiin fiizikaalii dhibbeentaa 80 irra jiraachuu fi hojicha yeroo dhiyootti xumuruuf kutannoon kan hojjatamaa jiru ta’uu […]

Koreewwan Dhaabbii, Oduu

Bakka bu’oonni koree dhaabbii Mana Maree Naannoo Hararii adeemsaa fi raawwii pirojektoota Abbaa Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’aa Naannichaatiin hojjetamaa jiran ilaalaniiru.

Koreen Dhaabbii Mana Maree Naannichaa pirojektoota kaappitaalaa Abbaa Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’aa Naannichaa raawwachaa jiran, jechuunis warshaa bishaan xuraa’aa deebi’ee fayyadamu (warshaa qulqulleessituu) fi pirojektii babal’ina bishaan dhugaatii qulqulluu daawwateera.Akka itti gaafatamaan Abbaa Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’aa obbo Atoo Dinii Ramadaanaa jedhanitti pirojektiin warshaa balfa dhangala’aa deebi’ee fayyadamu (warshaan qulqulleessituu) kun, Godina Soofii Kebele Haraweetti

Koreewwan Dhaabbii

Koreen Dhaabbii Mana Maree Naannoo Hararii raawwii pirojektoota kaappitaalaa bara bajataa 2017 gamaaggamuu eegaleera.

Koreen Dhaabbii Mana Maree Naannichaas qaama gamaaggama raawwii pirojektii gaggeeffamaa jiruun pirojektoota Biiroo Barnootaa Naannichaatiin hojjetamaa jiran daawwateera.Jilli kun pirojektoota Biiroo Barnoota Naannichaan hojjatamaa jiran, jechuunis babal’inaafi nageenya daa’immanii mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Abukar (G+3), ijaarsa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa duraa Abnet, ijaarsa mana barumsaa daa’immanii, mana barumsaa Hasengey, fi haaromsa bara Biiroo Barnootaa Naannichaa.

Koreewwan Dhaabbii, Oduu

Gamaaggamni Argama oditii koree dhaabbii mana marii dhimma bajataa fi faayinaansiin gaggeeffamu akkuma itti fufetti jira.

Koreen dhaabbii dhimma baajataa fi faayinaansii argama oditii manneen hojii seektaroota naannoo fi bulchiinsa aanaa qorachuun kallattii kaa’eera. Bu’uuruma kallattii yaa’ii idilee Mana Marii Naannoo Hararii Marsaa 6ffaa Waggaa 3ffaa Yaa’ii Idilee 6ffaa irratti kenname bu’uureeffachuun koreen dhaabbii dhimma baajataa fi faayinaansii akka qulqulleessuu qajeelfamuun isaa ni yaadatama. Haaluma kanaan koreen dhaabbii dhimma baajataa fi

Koreewwan Dhaabbii

Gamaaggamni Argama oditii koree dhaabbii mana marii dhimma bajataa fi faayinaansiin gaggeeffamu akkuma itti fufetti jira.

Koreen dhaabbii dhimma baajataa fi faayinaansii guyyaa har’aa argamoota odiitii mana murtii waliigalaa akkasumas bulchiinsa aanaa Abaadir kan bara 2012-2015 qorachuun kallattii sirreeffamaa kaa’eera. Hoggantoonni akkasumas daarektaronni bittaa fi faayinaansii mana murtii waliigalaa fi bulchiinsa aanaa Abaadir argamoota odiitii dhiyaataniif deebisaa itti laataniiru. Walitti qabduun koree dhaabbii dhimma baajataa fi faayinaansii Aadde Fatiyaa Saanii dhimmoota

Scroll to Top