Bakka bu’oonni koree dhaabbii Mana Maree Naannoo Hararii adeemsaa fi raawwii pirojektoota Abbaa Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’aa Naannichaatiin hojjetamaa jiran ilaalaniiru.
Koreen Dhaabbii Mana Maree Naannichaa pirojektoota kaappitaalaa Abbaa Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’aa Naannichaa raawwachaa jiran, jechuunis warshaa bishaan xuraa’aa deebi’ee fayyadamu (warshaa qulqulleessituu) fi pirojektii babal’ina bishaan dhugaatii qulqulluu daawwateera.Akka itti gaafatamaan Abbaa Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’aa obbo Atoo Dinii Ramadaanaa jedhanitti pirojektiin warshaa balfa dhangala’aa deebi’ee fayyadamu (warshaan qulqulleessituu) kun, Godina Soofii Kebele Haraweetti […]