Gamaaggamni Argama oditii koree dhaabbii mana marii dhimma bajataa fi faayinaansiin gaggeeffamu akkuma itti fufetti jira.

Koreen dhaabbii dhimma baajataa fi faayinaansii guyyaa har’aa argamoota odiitii mana murtii waliigalaa akkasumas bulchiinsa aanaa Abaadir kan bara 2012-2015 qorachuun kallattii sirreeffamaa kaa’eera.

Hoggantoonni akkasumas daarektaronni bittaa fi faayinaansii mana murtii waliigalaa fi bulchiinsa aanaa Abaadir argamoota odiitii dhiyaataniif deebisaa itti laataniiru.

Walitti qabduun koree dhaabbii dhimma baajataa fi faayinaansii Aadde Fatiyaa Saanii dhimmoota xiyyeeffannaa barbaadan irratti kallattii xiyyeeffannoo kan kennan yoo ta’u;

Argamoota hin sirraa’in ragaa guutuu dhiyeessuun waajjira Muummee odiitara naannichaa waliin ta’uun guyyoota 15 keessatti akka sirreessan eeraniiru.

Argamoota odiitii bara 2012-2015 manneen hojii seektaroota naannoo fi bulchiinsa aanaa ilaalchisee yaa’ii idilee Mana Marii Naannoo Hararii Marsaa 6ffaa Waggaa 3ffaa Yaa’ii Idilee 6ffaa irratti koreen dhaabbii dhimma baajataa fi faayinaansii akka qulqulleessu kallattiin kennamuun isaa ni yaadatama.

********

Mana Marii Naannoo Hararii

Daayrektoreetii Sub-Qunnamtii Uummata fi Komminikeshinii

Oddeeffannoo Aaddaa adda Mana Marii Naannoo harari argachuudhaaf :-

➥ 𝐅𝐚𝐜𝐞𝐛𝐨𝐨𝐤 : https://www.facebook.com/hararicouncil/

➥ 𝐓𝐞𝐥𝐞𝐠𝐫𝐚𝐦 : https://t.me/hararicouncil_info

➥ 𝐘𝐨𝐮𝐭𝐮𝐛𝐞 : https://www.youtube.com/channel/

➥ 𝐓𝐰𝐢𝐭𝐭𝐞𝐫 : https://twitter.com/hararicouncil

➥ 𝐅𝐢𝐥𝐢𝐤𝐞𝐫 : https://www.flickr.com/photos/harari people regional council/

➥ 𝐖𝐞𝐛𝐬𝐢𝐭𝐞 : http://www.hararicouncil.gov.et

15/4/2017

Scroll to Top