Guyyaan Sab-lammootaa fi Ummataa 19ffaan sagantaalee adda addaatiin haala tokkummaa sabaa cimsuun kabajamaa jira jedhan Afyaa’iin Mana Maree Naannoo Hararii obbo Sulxaan Abdulsalaam.
Kabaja Guyyaa Saboota fi Ummata Itiyoophiyaa 19ffaa godina Harariitti kabajuu ilaalchisee koree ayyaanichaa waliin mariin gaggeeffameera.
Af-yaa’iin Mana Maree Naannoo Hararii obbo Sulxaan Andusalam marii kanarratti akka jedhanitti, guyyaan sabaa fi sab-lammootaa fi ummataa bara kanaa haala wal-hubannoo fi tokkummaa biyyaalessaa guddisuun kabajamaa jira.
Guyyaan kun guyyaa eenyummaa, aadaa, duudhaa fi seenaa isaanii ummata duratti baasuun guyyaa saboonni fi ummattoonni walitti dhiyaatan ta’uu ibsaniiru.
Ayyaanota waggoota jijjiiramaa darban keessatti kabajaman irratti haasaan ummataa akka ol’aantummaa qabaatu gochuun hariiroo namoota gidduu jiru guddisuu fi suuraa biyyaalessaa ijaaruu irratti bu’aa fooyya’aa galmeessuu danda’uu isaanii ibsaniiru.
Tokkummaa sabaa daran qabsaa’uun nagaa waaraa gonfachuun galma badhaadhinaa babal’isuuf qabsoon cimee itti fufuu akka qabu cimsanii dubbataniiru.
Itti aanaan Afyaa’ii Mana Maree Naannichaa obbo Ariif Mohaammad akka jedhanitti, kabajni guyyaa ummata sabaa tokkummaa biyyaalessaa cimsuu fi seeneffama waloo ijaaruuf gumaacha guddaa ta’uu ibsaniiru.
Doktiriinii heeraa fi federaalizimii hawaasa yaadachiisuun gamtaa fi obbolummaan daran akka guddatu taasisaa akka jiru hubachiisaniiru.
Gatiin obbolummaa fi tokkummaa uumameen hojii eegalame cimee kaayyoo badhaadhina biyyaalessaa galmaan gahuu fi bu’aa irraa gara oomishaatti ce’uuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.
Af-yaa’iin Mana Maree Naannoo Hararii Obbo Sulxaan Abdusalaam, Itti aanaa Af-yaa’ii Obbo Ariif Mohaammad, Itti Aantuu Af-yaa’ii Mana Maree Naannoo Hararii Aadde Amina Abdulkariim dabalatee mana marichaa, waajjira damee naannolee fi hoggantoonni aanaalee walga’ii kana irratti argamaniiru.