Gamaaggamni Argama oditii koree dhaabbii mana marii dhimma bajataa fi faayinaansiin gaggeeffamu akkuma itti fufetti jira.

Koreen dhaabbii dhimma baajataa fi faayinaansii argama oditii manneen hojii seektaroota naannoo fi bulchiinsa aanaa qorachuun kallattii kaa’eera.

Bu’uuruma kallattii yaa’ii idilee Mana Marii Naannoo Hararii Marsaa 6ffaa Waggaa 3ffaa

Yaa’ii Idilee 6ffaa irratti kenname bu’uureeffachuun koreen dhaabbii dhimma baajataa fi faayinaansii akka qulqulleessuu qajeelfamuun isaa ni yaadatama.

Haaluma kanaan koreen dhaabbii dhimma baajataa fi faayinaansii guyyaa har’aa argamoota odiitii manneen hojii seektaroota naannoo kan bara 2012-2015 qorachuun kallattii sirreeffamaa kaa’eera.

Muddee 14/4/2017 sagantaa gaggeeffameen argamoota odiitii bara 2012 – 2015 kan manneen hojii Ejensii Teknikaa fi ogummaa, Bulchiinsa Aanaa Shankoor, komishiinii poolisii akkasumas bulchiinsa aanaa haakim qorateera.

Walitti qabduun koree dhaabbii dhimma baajataa fi faayinaansii Aadde Fatiyaa Saanii dhimmoota xiyyeeffannaa barbaadan irratti kallattii xiyyeeffannoo kan kennan yoo ta’u;

Argamoota hin sirraa’in ragaa guuttachuun waajjira Muummee odiitaraa waliin ta’uun guyyoota 15 keessatti akka sirreessan eeraniiru.

Waltajjii kana irratti walitti qaboonni koree dhaabbii fi miseensonni koree dhaabbii baajataa fi faayinaansii argamaniiru.

Scroll to Top